Leelloo Sabaatiin, Caamsaa 2016

Manni murtii addaa kan Tokkumaa Afriikaa biyya Seneegaal keessatti, prezedaantii biyya Chaad kan duraanii Hiseen Habree hidhaa umurii guutuu, kaleessaa gaafa 30/05/2015 itti murteesseera. Bara 1982 irraa hanga bara 1990tti, yeroo prezedaantii Chaad turetti, nammi kan aangoo cimaa kan qabu fi guddoo sodaatamaa ture . Bulchiinsi isaa, humna poolisaa hamaa kan ummata nagaa: ajjeessaa, guraaraa (hiraarsaa), hidhaa, koreentiin gubaa, fi gudeedaa turee dha. Bulchiinsa nama kanaa jalatti, ummata Chaad kuma afurtamaa olitu poolisa inni ajajuun ajjeeffame. Yakka kana ummata Chaad irratti oggaa raawwataa turetti, nammi kun, guyyaa tokko aangoo irraa darbamee yakka isaatiif seeratti dhiyaatuu akka danda’u tasumaa yaadee hin beeku. Tuffii ummata Chaadiif qabu irraa, ummatni kun, guyyaa tokko, aangoo irraa isa buusee seeratti dhiyeessuu akka danda’u itti hin dhagahamu ture. Haa ta’u malee, yakka inni hojjeteef, aangoo iraa buusee seeratti dhiyeessuuf, qabsoo ummatni Chaad obsaa fi muratnoon gegeessen, aangoo irra darbamee seeratti ni dhiyaata jedhamee kan hin yaadamne Hiseen Habree, seeratti dhiyaatee, mana murtii tokkummaan Afrikaa dhaabeen, hidhaan umurii guutuu itti murtaahe.
Yakka ummata isaa irratti dalage kanaaf, seeratti dhiyeeffamee itti gaafatamuunii fi adabamuun Hiseen Habree, abbooti irree dhiiga ummattootaa dhangalaasuun jiraataniif eergaa jajjabaa kan dabarsuu dha. Gabroomfattooti fi abbootiin irree, ummata cunqurfamoo: ajjeesanii, guraaranii (hiraarsanii), gudeedanii, koreettiin gubanii fi saamanii biyya alaatti baqatuun jireenya qananii fi nagaa jiraachuu akka hin dandeenye adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun ifatti kan garsiisuu dha. Gabroomfattooti dhiiga ummattoota cunqurfamoo dhangalaasanii osoo itti hin gaafatamin yeroon isaan nagayaan itti jiraatan gabaabbachaa akka jiru dhaamsa cimaa kan dabarsuu dha. Adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun, Gabroomfattoota dhiiga ummattoota cunqurfamoon harka dhiqatan hunda, guyyaan akka itti dukkanaawaa jiru kan mirkaneessuu dha. Waggoota dagdamii shan darbaniif, osoo hin nuffine, Hiseen Habree seeratti dhiyeessuuf obsaa fi murannoon ummata Chaad irraa mul’ate, hagamuu kan yeroo fudhatu ta’u illee, ummattooti cunqurfamoon haqa isaanii akka argatan kan dhugoomsee dha.Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan