Caamsaa 26,2016, Godina Arsii bahaa aanaa Seeruu gammoojjii Elelle jedhamtu keessatti WBO fi ABOn seene shakkii jedhurraa kan kaate mootummaan wayyaanee ummata tumuufiimanneen namaa seenanii sakkatta`aa jiraachun dhagayame,waggoottan darban keessattis naannoo kanatti ummata qabdee ajjeesaa fi qaamaa hir`ataa gootee ABOtuu ummata akkas godhe jettee dubbachaa turuun isii ni yaadatama, bifuma wal fakkaatun aanaa collee naannoo Maanya jedhamutti ummata doorsisaa fii reebaa jiraachun dhagahame,Shaashamannee, Asaasa Dodolaa, Qoree keessatti namni galgala saa`atii afur dabarsee deemun dhoorkaa ta`uun himamame`Godina Shagar bahaa magaalaa adaamaa yuuniversiitii Adaamaatti waraqaan waamichaa fxg qeerroofii ummata magaalaa adaamatiif jedhu faca`ee magaalan adaamaa waraana qofa taatee jirti.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist