Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Manneen Ummataas Irratti Diigamaa Jira.

 ffCaamsaa 26/2016 Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Diigumsii manneen jireenyaa keenyaa mootummaan nurratti raawwataa jiruun uummatni kumootaan lakka’aman kutaa Boolee Bulbulaa irraa dahoo jireenyaa dhabuun dararaa argaa jiraachuun hubatamee jira.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa Fayyadamuun Manneen jiraattoota Cunqurfamoo fi Maatii abbaa Qa’ee fi abbaa Lafaa ummata Oromoo humna waraanaan dirqisiisuun doozeraan diigumsi manneen jireenya jiraattoota itti fufee jira.FF Bolee

Haalli Magaalaa Finfinnee Kutaa Boolee Bulbulaa warraa Gannuu irratti rawwatame Magaalota Finfinnee fi naannawaa Finfinnee Duukam, Qaallittii, Aqaaqiii, Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi guutummaa biyyatti keessattuu Magaalota Oromiyaa fi Finfinnee Irratti Xiyyeeffachuun diigumsi seeraan alaa humna waraanaa fi Doozeraan fayyadamuun itti fufee jira. Lammiileen biyyatti hedduun dahoo dhabuun balaa ulfaataaf saaxilamaa jiru.

ff boooleeQeerroon Bilisummaa Oromoo Yeroon gamtaan dhaabbatanii mirga ofii kabachiisuuf falmatan amma jechuun Goototni, Dargaggootni barattootni, sabboontootni Oromoo, uummatni Oromoo fi uummattootni biyyattii sabaa fi sablammootni cunqurfamoon harka wal qabachuun haa falmannu; hanga abbaa irraa aangoo irraa qaarisnee mirga keenya gonfannutti falmaan itti fufa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuu fi uummataaf waamicha sochii waarraaqsaa jajjabeessu gochaa jiraachuu hubachisa.

1 thought on “Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Manneen Ummataas Irratti Diigamaa Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist

Leave a comment