Caamsaa 25,2016 /Qellem wallaggaa aanaa Gidaamitti kaleessa irraa kaasee Qeerroon waraqaa garagaraa maxxanseen akkasuma raabsee fi kaabinootaa fi milishoota kanneen mootummaa wayyaanee jala fiiganii uummata miidhan irrattsi yeroodhaa yerootti tarkaanfiin waan fudhatamaa tureef dabalata ta’ee kaleessa irraa kaasee dhaadannon garagaraa magaalichatti barruudhaan bittimfameen har’a waraanni Wayyaanee aanaale hedduu keessa buufatuun uummataa fi Qeerrooo ona Gidaamii doorsisaa fi shororka uumaa ooleera.
Namootni hedduunis deggeraa ABO fi Qeerroo jechuun qabamanii jiru. Guyyaa har’aa aanaan Gidaamii fi naannoon ishee waraana humna agaazii jedhamuun weerarameetu jira. Qeerroon dhaadannoo isaa ammallee kan itti fufee dhageesisaa jiru 
– WAYYAANEEN GALUU GEESSETTI KA’I HIN KAANA YAA OROMOO
– OROMIYAAN NI BILISOOMTI
– GIBIRA HIN KAFFALINAA
– MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN GABBARINAA
– EENYU ISHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA EJJETTEE MORMA ISHEE HIN
KUTTU
Jechuun dhaadannoo osoo mana barumsaa irraa galaa jiranii barattootni dhaadanno kana fakkaatu dhageesisaa oolaniru. Barruuwwwan waraaqsas Qeeyroodhan bittimsamaa jiraatuuun Qeeyroon har’a ona Gidaamii irra gabaasee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist