Barumsi Caaluu Muxxannoo irraa Argama:

Damee Booruu Irraa

barruuTorban darban lamaan dura oloia Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti baname  dhaamsuuf qaamne Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsa bifa adda addaan kennuun ni yaadata. Ibsa kenname kana keessa tokko miseensi  QBO akkaataa qeerroon itti ijaarame, miseensa  koree jiddhuu meeqa akka qabaachaa ture, meeqa akka hidhamanii fi meeqaa akka  jiran ibsuudhaan ibda isanitti qabate akka dhaamu yaallii guddaa godheera. Yaroon ibsa isaa kana dhaga’u qaama kootu na sooka’e.

Warra Qeerroo irratti ka’e kana ibsi quubsuu  fi  gammachiisu danda’u tokko illee akka hin jirree Qeerron Bilisummaa Oromoo hubachuu kan dhabaniif  muxxannoo siyaasaa Oromoo ala (diaspora) kana waan hin qabneef. Anaa haa dhufu! Baga kunoo isinis siyaasaa Oromoo biyya alaa kanatti dhuftan. Gara wagaa afurtmaa oliif namni Oromoo ala jiru siyaasaa kana fakkaatuun yaroo isaa dabrse .  Internetiin yaroo ormi ittiin of ijaaree, of gurmeessee , ittiin humnaa fi horii horate: namni Oromoo, dhoqqee wal dibuudhaan , maqaa wal xxurreessee, wal ajjeesee , harki guddaan nama  irraa baqatee jiereenya namumaa isaa qofumaa akka hordofaa jiraatu godhee jira.

Akka hawwii fi ilaalcha  uummata Oromoo biyyaa keessatti diinaan okkamamee bokkee taa’utti Oromoon ala jiru ijaaramee kan bilisa isaan baasuu itti fakkaachuun ni mala. Namni biyyaa keessaa jiru isa alaa abdiin akka eegachaa ture hin dhagaama. Garuu, Oromoon ala jiru kun diina caalaa wal irratti boba’ee wal daakkuu fi wal balleessuu irratti yaroo isaa balleessa malee waa’ee diina Oromoo isaa duraa kan tahe TPLF irratti warri xiyyeefatu xiqqoo dha.  Barumsi Caalu Muxxannoo Irraa Argama

Leave a comment