Caamsaa 23,2016 Yuuniversitii Dirre Dwaatti keessatti kabajaa guyyaa ayyaana caamsaa 20 (Ginbot 20),tiif galma qophaa’e fi qoophii ayyaanichaaf galmicha keessatti qopheeffame diddaa barattootaan fashalee jira.
Akkasuma Godina Wallaggaa Horro Guduruu mana barumsaa tokko keessatti barattoonni kutaa 10 fi 12 caamsaa 20,2016 rakkoo mootummaan Wayyaanee aangoo irraa bu’ee mirga uummata Oromoo guutuutti hin kabajamnetti  baranneef qormaata biyyoolessaa hin qoratamnu jechuun mana barumsaa lakkisanii bahanii galaniiru.

Manneen barnootaa akka godinichaatti barana qormaata biyyoolessaaf dhiyaatan akka hin fudhanneef jala muranii beeksisanii gara FXGtti
guutummaadhaan makamanii akka jiran gabaasni ibsa.

Leave a comment