Camsaa 20,2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Sochii Warraaqsaa FXG Gootota Barattoota Oromoo M/B Kombolchaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaan daran jabaatee itti fufe jira. Goototni barattootni Oromoo Aanaa guduruu Mana barumsaa qopha’inaa fi sadarkaa 2ffaa Gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin nuuf haa kennamuu, sagalee keenya humni waraanaa ukkamsuu hin danda’u, baatii 6 guutuu waraanaan hiraarfamaa utuu jirruu utuu torbee tokkoof iyyuu barumsa takkaa hin argatiin akkamitti Qorumsaa fudhachuu dandeenya? Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, Oromoo hidhuun Ajjeesuu fi waraanaan hiraarsuun nurraa haa dhabbatu, waraanni biyya keenya gadhiisee gara mooraa waraanatti deebi’uu qaba jechuun mormii isaanii jabeessuun itti fufauun har’a ganama barii irraa eegaluun sagalee dhageesisuun waraana Wayyaanee waliin wal dura dhaabbatan. Waraanni agaaziii fi poolisiin kora bittinneessa jedhama barattoota Oromoo hiraarsuu itti fufee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist