HUNDEE LAMMII tiin
Mata duree barruu tiyyaa isiniif yaa ibsu. “Booruu Barraaqaa” kan wallaalu jira natti hin fakkaatu. Booruun, Naannoo bara 2002 qabsootti kan dabalameedha. Leenjii argatee SBO keessatti yeroo dheeraaf kan hojjate, cimiina isaa ilaalanii hogganummaaf kan kaadhidhameedha. Ciminni isaa silaa Hoggana keessaa Hoggana itti aanuuf kan isa qopheessuu malee, kan sadarkaa har’aan isa geesisu jennee gonkumaa yaannee hin beeknu. Ani waggaa 5 dura yeroon qabsoo keessaa alatti ba’ee Biyya alaatti ce’uuf socha’uu, komee hedduu of keessaa qaban ture. garuu komee kana diina sooruuf abbalee hin beeku. sababaan bu’aa tokkollee waan hin qabaanneef. Har’a waggaa lamaa asi garuu bakka kiyyattii deebi’een waan narraa eegamuun hojjachaa jira. Booruu duran bakka Sanaa ba’ee. Egan achi ba’ee, gurri kiyyaa bakka Sanaa fagaattee hin beektu. Ammuma qabsaa’oota achi jiraniin dhimma naannoo sanaan beeka. Har’a Booruun waa hedduu dubbataa fi katabaa jira. Ajaja dabarsuu irrallee ga’eera. Qaama maalii keessa jiraatee ajaja akka dabarsuu ani hin beeku. karaa fb dhaaba ajaja ta’ee, qeerroo ajaja ta’ee, Ummata kana ajaja ta’ee hin beekuu waa hedduu dubbataa jira. Tarii adeemsi isaa kun warra kaanis jallisuu waan danda’uuf dhugaa jiru waliif himuutu dansaadhaa jedheen deebii gababaa kennufii barbaade.
Booruun amaloota mataa isaa qaba. waan hundi akka isaaf dursee galutti fudhata. Waliigaltee namootaan qabu yeraadha. Kutaa isaa keessaa ba’ee qabsaa’oota akkasaan waliin haasa’uu fi ooluu hin fedhu. Dhugaadhaa kitaaba ni dubbisa. Hogganni har’a salphisu akka mucaa ushuu golatti macaafa adda addaa itti guuranii dubbisiisanii jiru. irra jireessi kitaaboota kanaa siyaasa. Seenaa Gootoota biyya isaanii Bilisoomsaniiti. Hogganni kana gochuun, nama tolfachaa turan. Hojiin isaa hundi dhoksaadha. Kkf qaba. amaloonni ittiin qeeqamaa turetu har’a isa saaxilaa jira. Jaallan isaa waliin wayita hojjatu akkam akka ture seenaatu dubbata. Waa hundaan ofii beekamuu barbaada.FI-FIXEENSI-GANAMAA-
Xalayaa koo bararetee issin biraa haa gesuu nagenyii koo kaan onee madoftee raa buqate bakka jirtanitti issin biraa Haa gatuu yaa lamii koo gabruumaan midhamnee ilmaan oromo kaan biyyaa jirtanifii kaan Biyyaa Amabbaa jirtaniis Rabbiin bilisuumaa nuu Haa garssituu
Haa jenuttii nuttii ilmaan oromo hangaa siilaa Abba hiin qabbanu
Hatuu male dhugaa dubbachuun firuumaa hin kutu kaan nuu Dura dhabatee nuu ajajee du’af dhalatee ilmii namaa kamuu tahee sodachuun bu’aa hin qabuu fakkenyaa umataaf tahee seenaa yoo rawatee waay galtaa issaa Hatuu male oromon Malaaqa hin dhabaanee Amaanamaa dhabee male naa hofolchaa dhifaamaa yoo dogongoree’s kaan nuu waal garssisee inttarnetti