Damee Booruutiin
Torbaan darban lamaan kana keessa agartuu ija uummata Oromoo kan tahe Qeerroo Oromoo irratti duulli madaala hin qabne adda danuun banamee jira. Kan baayyee nama gadisiisu warra Kanaan dura ifaa fi harka lafa jalaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo nutu ijaaree of harkaa qaba jedhan burqa olola kana tahanii argamuu dha. Dhuma bara 2015 yaroo ejjaannan Qeerroo bilisummaa Oromoo walatajjitti baahee soda tokko malee mirga uummataa isaa falmachuu eegalu , Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan ijaare OMN fi OFC dha hiriyaan koo nama waa hubachuu dandau dha jedhean yaadu naaf hime.
An garuu eenyu akka ijaare irraa gaafasis tahe har’a rakkoo hin qabu. Waan natti mul’at tokko Qeerroon Bilisummaa Oromoo kun kan jireenya nama tokko keessatti takka argamu utuu hintaane, seena saba tokko keesstti yaroo tokko kan argamu dha. Kanaafuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa dandeenyu maraan gargaaruu fi hamaa itti dhufu hundaa irraa qolachuu qabna kan jedhu amantaa koo isa duraa ti. Akka nama tokko qaamni keenya fayyaa guutuun yoo tahe gammannee buraaqinee jiraachuu nutti tola. Garuu hamaan yoo dhufu jifuu hundakeessa ija keenya olshachuuf yaalla. Iji yoo jaame bara baraan dhukana keessa jiraachuu taha. Guyyaan bariihuu fi dhiyu hin argani. Bareedaa fi fokkisaa adda hin baasan. Adii fi guaracha hin beekan. Kan ormi harka irra namaa ka’e nyaatu , hinuu yoo argame. Jireenya dukkanaa jiraachuu Waaqayyoo nu haa baraaru.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Agartuu Ija Uummata Oromoo ti
Mata duree Fincila Diddaa Gabrummaa Bakkaan Gadhuuf jedhuuf ammoo as tuqa:- Finchila Xumura Garbummaa Galmaan Gahuuf 2