Walaloo Abbaa Magaal Irraa
Qawwee Iyyuu Hin Dhaga’u
Kansaatti abbaa ta’ee fedha isaa guuttatee
Nagaan yaa’ee galee daldalee qotatee
Misoomee duroomee baree qaroo ta’ee
Taliigee walbulchee, Oromummaan moo’ee,
Oromoon wal ta’e abbaa biyyaa ta’ee,
Saba tokko ta’e, biyya guddaa ta’ee
Gammadee haajiratuufan hawwee manaa ba’e.
Waaq akka nu uume bareechee, bal’isee,
Guddaa nu taasisee;
Eebisee damboobee biyya nu badhaasee;
Shakkii tokko maleen amanee fudhadhee,
Dhugaa jallaa hinqabne kan ittiin dhaladhe,
Seenaa booruu hinqabnee xaliila ganamaa,
Haqa Waaq nuuf kenne dhiiga Oromummaa;
Oromoon tokkoomuu, Iyyu Hin Dhagahu