Caamsaa 16/2016 (Gabaasa Dabalataa) Godina Jimmaatti Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Tulluu Beegii (Deedee)tti bifa ho’aa ta’een guyyaa kaleessa Camsaa 15/2016 adda tti Qeerroo gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa,Hordoftootaa Amantaa Waqeffannaa Jimmaa, gootota barsiisotaa fi hojjettoota ilmaan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi godinichatti argamanii fi sabboontoota Uummata Oromoo godina Jimmaa fi ilmaan Oromoo naannoo Godina Kibbaa Lixa Oromiyaatti argamaniin kabajame!!
Goototni Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warrii Sochii warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaaf FDG-FXG’f Ebla 11/2014 irraa eegaluun dursee karra banuun Warraaqsaa dhoose seenaa galmeesse hardha diinaaf utuu gadi hin jedhiin sodaa tokko malee Wallee warraaqsa akka abidda saafaa boba’uun diina garaa bobeessuun ABO, WBO,Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Gootota ilmaan Oromoo faarsuun tokkummaa sabaa fi tokkummaa Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun seenaa ajaa’ibsiisa ilmaan Oromoo keessa duubaan irra baratuu qaban argisiisaniiru, vedio kana caqasaa, vedio hedduu waraabame qabna, kallattii hedduun Isin qaqqabsiifna!!