Caamsaa 12/2016 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa Amboo Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Ambootti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee Humnoota Tikaa dhalootaan TPLF ta’anii fi dabballootaa amanamoo sirna gabromsaa bobbaasuun Barattoota Oromoo arii’acha jira.
Mootummaan fashistii abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO human waraanaa guddaa magaalaa Amboo keessa qubsiisuun uummataa Waraanaan gooluun cinatti humnoota tikaa sirnichaaf amanamoo ta’anii fi dabbaaloota isaa bobbaasuun barattoota Oromoo hordofee barnootarraa arii’achuun ukkamsee hidhatti guuruuf jedhee barattoota Oromoo wareersaa jiraachuun saaxilame. Gidduu kanas barattootni Oromoo mana barumsaa Amboo Qophaa’inaa fi Sadarkaa lammaffaa irraa barnoota isaanii irraa guutummaatti akka hin baranneef dhorkamani jiran keessa:
1. Barataa Yeroos Hayii barataa kutaa 12ffaa
2. Barataa Fayisaa Mixaafaa kutaa 12ffaa,
3. Barataa Sanmaraa Fayisaa kutaa 12ffaa
4. Barataa Diinaa Hisarmuu kutaa 11ffaa kanneen keessatti argaman Oromummaan Yakkamuun barnoota isaanii irraa ugguramanii akka hin barannee humnoota tikaa wayyaanee fi dabballee basaasa wayyaanee kan ta’ee, Director Mana barumsaa yeroo amma nama maqaan isaa Anbassee Tulluu jedhamuun shirri ulfaataan barattoota Oromoo mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina irratti rawwatamaa jirachuun ibsame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist