Caamsaa 3/2016
Godina Shaggar lixaa aanaa Ada’aa Bargaa ganda Rajii mana barumsaa sadarkaa 2ffaatti Caamsaa 1/2016 FXG kaasanii itti fufanii jiru. Guyyoota lamaan kana FXG manneen barnootaa godina shawaa lixaa garagaraatti finiinaa jira.Faaruu alaabaa irrattis alaabaan biyyatti akka ol hin kaafamne fi kan naannoo oromiyaa qofti yeroodhaaf akka olkafamu qindeessitootni Qeerroon manneen barnootaa kanneenii Caamsaa 1 irraa kaasee ejjenno isaanii jabeesuun FXG jabeessani itti fufanii jiru. Waamichi warraaqsaa barruulee balaliituun Shaggar lixaa magaalaaAmbootti bittamfame. Waraanni Wayyaanees olii fi gadi kaachuutti kaate. FXG marsaa 5ffaa oromiyaa keessatti bakka hundaatti itti fufuu waraqaaleen warraaqsaa Qeerroodhaan magaalota kanneen keesatti bittimfanii jiran.
Wareegamtoota keenya yaadachuudhaan gumaa isaanii baasuu qabna kan jedhus waraqaan godina Shaggar lixaatti faca’ee jira. FXG wayita kana Oromiyaa keessatti marsaa 5ffaadhaan qindoomina adda taheen kan itti fufee jiruudha. Daandileen gurguddaan ammas bifa haaraadhaan shawaa kaabaa fi shawaa bahaatti itti fufuu Qeerroon gabaasee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) | OromianEconomist