Ebla 29,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa keessatti Poolisootni Kora Bittinneessaa Oromiyaa manneen namaa cabsuun dubartoota gudeeduu fi saamicha irratti argamu. Yeroo waraanni agaazii ummata keenya fixaataa jirutti, poolisootni kunniin immoo mana namaarra naanna’uudhaan dubartoota (keessattuu barattoota) gudeeduu, qabeenya saamuu fi reebichaan dararuu haalaan itti fufaniiru. Keessattuu, kan nama gaddisiisu yommuu diinni ummata keenya fixaa jirutti ummata cinaa dhaabbachuu dhiisuun gochaa badii akkanaa ummata ofiirratti raawwachuudha. Kanaafuu, kana booda gochaawwan akkanaa irraa hatattamaan of hin qusatan taanaan tarkaanfiin Wayyaanee eeggatu sadarkaa jalqabaatti akka isaanirratti xiyyeeffatu beeku qabu jedhu jiraattotni magaalichaa.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist