Ebla 25,2016, Godina Arsii lixaa aanaa Doddolaa, Shaashimannee fi Kofaleetti waraanni mootummaa faashistii Wayyaaneen saamicha uummata Oromoo irratti raawwataa jiraatuu fi nama nagaa daandii irra deemus hidhuun beekame.
Kana males akka Qeeyroon godinichaa addeesssutti barataa hedduun ukkaamamaa jira mootummaa godina Arsii keessi guuutummaan ABO jechuun murteessee jala muree qabatee jira. kanaaf uummanni miidhamuun itti baayataa jiraachuu fi waraannis gocha saamichaa humnaan nama qabee daandii gubbaatti qarshii kiisiidhaa hanga saamutti gahee jiraachuu Wayyaaneen saroota badiisaa uumataatti gadhiistee jirti.
Baha shawaa magaala Bishooftuu fi Maqii akkasuma gugda booratti doorsisni uummatatti hammaatee akka jirutu gabaafame. Akka gabasni ibsutti mana mana irra deemuudhaan milishootni wayaanee fi kaabinoonni mootummaaf uummata kadhachuu fi araaraa fi doorsisas kan of keessaa qabu mana uummataa irraa deemaa akka jiran Qeeyroon gabaasee jira.
Mootummaa kana yoomiyyuu ofirratti hin feenu jedhanii deebii kenna jira. Nuti kan barbaannu Bilisummaadha kunimmoo kan dhufu mootummaan kun hamma oromiyaa irraa harka isaa deeffatu fi oromiyaan ofiin of bulchitu abbaa biyyaa oromiyaa haga dhufutti qabsoon keenyas itti fufa bilisummaanis yerooma sana dhufa jechuun uummanni godina baha Shaggar keessa diinaafaan qabachiisaa jira. Hidhaan uummanni mirga isaaf falmaa jiru maqaa shororkeessummaan komatamaa jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist