
Ebla 23/2016 Guyyaa har’aa Humni federaalaa guutummaa yuunversiitii wallaggaa fi naannoo ishee weeraruun baratoota nagaa goolaa jira.Mooraa keessas oliif gadi deemuun baratoota doorsiisuu, reebuu fi Baratoota qabanii miliqsuun daran jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.Diddaan baratootaas daran jabaachuun hanga gaaffiin keenya nuuf deebi’utti akkasumas beektonni oromoo mana hidhaa keessatti balleessaa tokko malee dararaa fi murtiin sobaa irratti raawwatamaa jiran hanga gad lakkifamanitti fincila addaan hin kunnu jechuun walii galtee isaanii haaromsanii jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist