Ebla 22,2016, Godina Addaa oromiyaa Sulultaa toora taaksiin dhaabbattun daandii Finfinnee irraa gara Bahadar fudhatu Qeerroo magaalichaan cufameetu jira.Har’a ganamas humna bittinneessaa wayyaneetiin daandiin kun banamuun Qeerroon yoo gabaasu daandiiwwan keessoo magaalichaas dhagaawwaan gurguddaa fi mukeeniin cufamaanii jiraatuun odessi ibsa.Godina addaa oromiyaa kana Sulultaa irraa kaasee haga shawaa kaabaa Fiichee fi Gabra Gurraachaa dabalatee Fincilli barattootaan yoommuu itti fufu qaama uummataa fi Qeerroo keessaniis tarkaanfiin
diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamuun haala kana keessatti jabaataa jira.
Waraqaa warraqsaa Qeeyroos halkan edaa sulultaa fi caancootti facaame bule waraana Wayyanee mufachiisuudhaan waraqaalee qeeyroo magaalota kana keessaa sarootni diinaa funaanuu gabaasan dubbata.
Kana booda waraanni wayyaanee oromiyaa akka gadhiisuu fi konkolaataan Wayyaanees oromiyaa keessa akka hin sochoone qeeyroon tarkaanfii fi FXG jabeeffatee ittui fufeetu jira. Odeessa qeeyroo godinaalee oromiyaa hunda irraan guyyaa guyyaatti qilleensa irraan waraabbii waliin kan dhiyaataa deemu tahuu Qeerroon beeksisaa jira.
Pingback: Sulultaa Irratti Daandiin Cufame ,FXGs Jabaatee Itti Fufe! — QEERROO | OROMIA_TUBEPress.com
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist