Ebla 21,2016 Balaaleffannaa mootummaa nama nyaataa Waayyaanee uummatni Oromoo daran jabeessuun perperama hamaa keessa kan galchee jiru Shororkeessitoota Mootummaa kan dhiigaa lolaasuu baran bakka lixaa dhorkaa jiraachuun argamaa jira.Kanas dhaamsuuf malaaf tarsiimoo
hedduu itti baafatanis Sochiin Uummatichaan bahaa hanga dhiyaatti adeemsifamaa jiru dhowwuun galaana qabanii dhaabuu itti ta’ee jira Har’a Lixa Wallaggaa magaalaa Mandiif Najjoon Fincila jabaarra turusaanii qeerroon Lixa Oromiyaa gabaasa isaan ni ifoomsa.Sababaa kanaaf akkuma amaleeffatan Uummata hidhuuf reebuutti kan fulleffatan abbootiin irree Galgala kana magaalaa Najjoorraa mana Uummatarraa deemuun hawwaasa nagaa qabanii mana hiraarsaatti guuraa jiran sababaa harra mana barumsaa qophaa’inaa Najjoorra warraaqsi turef. Amma saatii ani barreessaa jiru kanatti rasaasatu naannoo istaadiyeemii 2 ffaa biraa dhagahamaa jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist