Kan ofii lafarra harkisuun kan ormaa olfuudhanii baachuun amala OPDO ti!

Marii Gadaa irraa

barruuOromoon mammaaksaan “aak jedhanii waa tufan mammaakan waa himan” jedha.Haala cunqursaa ilmaan Oromoo irratti biyya abbaasaanii fi biyya alagaatti irratti ga’aa jiruufi ga’e ilaalee gadda keessa koo hube ibsachaa,yaadan ka’eefitti fufa! Oromoon Erga bara Gadaa Abbaa Gadaa Gaarii Duufaa Ankoobarii achitti humnoota habashaa deebisee,kanaafis SaahilaSillaaseen “itti dhiyeenyaan” jechuun Oromootti dhiyaachuu jalqabee,Minilikis mul’ata abbaasaatii dhugoomfatee Oromoo waliin diruutti ka’ee eegalee qabsoon falmaa birmadummaa,walabummaafi bilisummaa Oromoo addaan cite hin beeku! Baroota Habashoonni nu dhiitan,nu buqqisan,nu ajjeesan kana keessatti harki ilmaan Oromoo gantoota ta’anii keechaa dhabamee hin beeku.Kanaafis barreessaan Habashootaa Aatsimeen “foon dikeedhuma looniitiin bilcheessu”jechuun raga ba’eera. Gadheen kan ishee lafarra harkiftee kan ormaa olfuutee baatti

Leave a comment