Ebla 18,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Humni Ittisa Uummata Oromoo roorriftuu waraana wayyaanee Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammii mooraa bulchiinsa Aanichaa keessa qubachuun Uummata keenyatti roorrisaa jirtuu tarkaanfii cimaa irratti fudhateen galgala kana halkan Keessa Sa’aatii 3:oo Irratti boombiin haleele!!
Gootichi humni ittisa Uummata Oromoo diinaa uummata keenyatti roorrisaa jirtuuf boqonnaa fi obsa kan hin kennineef uummata isaa irraa rooriftuu ittisuuf waraana Agazii, poolisii federaalaa, kora bittinneessaa mooraa bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii keessa qubatee jirtuu irratti boombii roobsuun halkan kanaan waraana Wayyaanee wawwachiisaa kan jiruu fi waraanni wayyaanees halkan kana rifatuu guddaa keessa galuun dhukaasa wal irraa hin citnee dhageessisaa jiraachu maddeen keenyaa Aanaa Midaa Qanyii Baallammii irraa gabaasan.
Tarkaanfii haleellaa fudhatame kanaan loltootni wayyaanee poolisii, Agazii ,Federaalli fi korri bittinneessa irra midhaa cimaan qaqqabuu akka danda’uu madden keenyaa yoo gabaasaan tarkaanfii kanaan kanneen ajjeefamanii fi kanneen madeeffaman boruu qulqulleessuun kan isiniif dhiyeessinu ta’uu hubachiisan.
Waraanni wayyaanee kun hedduminaan kan Aanaa Midaa Qanyii irra qubatee jiruu yakkoota ulfaataa akka ajjeechaa, ukkamsanii gara
dabarsuu, hidhaan fi Saammicha irratti fuulleeffachuun uummata dararaa kan jiruu, yoo ta’uu yeroo gabaaba keessatti Oromiyaa
gadhiisee hin ba’uu yoo ta’ee Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti tarkaanfiin haleellaa wal irraa hin citnee ka isa mudatu ta’uu gareen
humna ittisa uummataa kana Qindeessuu beeksisee jira!!

Leave a comment