Ebla,15,2016 Uumaan uumama hundumaa gaafa uume.Bakka jireenyaa wantoota
jireenyaaf barbaachisanii waliin addunyaa kana simachiisa.Nuunis
akkasuma Uumama isaa keessaa tokko nu taasisee Biyya Barreedaa maqaan isa OROMIYAA jedhamtu nubadhaase.Bareedinniif qabeenyi biyyoof biyyaa keenyaa hinaafsisee Ollota keenya hedduu dhiphisa.Of harkas galfachuu sochii garaagaraa fii mala hedduu fayyadamaa kan as ga’an mootummoonni Ollaa keenyaa Xophiyaanoonni jarraa tokkoof walakkaf Uummata Oromoof sabaafii sablammii Biyyattii hedduu gabrummaan haguuganii haa bulchaan malee.Jabinaaf gootummaan Uummata Oromoo mirgasaa deeffachuuf qabsoo hadhooftuu keessa akka turee fii qabsoo bu’aa gameessisiuf jetturra gahuunsaa wal nama hin gaafachiisu Kanas deebifachuuf biyyaasaatti daangaa godhatee abbuummaan akka irra jiraatuuf biyyasaaf qabsaa’ee kan Lubbuun darbe,Lafee cabee fii dhiigaa itti lolaase hedduudha.Guyyaan har’aa kunis nuun Uummata Oromoo biratti guyyaa adda taateef Jaalleewwan of cinaa dhabne guyyaa itti yaadannu taatullee unuun dhaloota qubee har’aa akkamiin akka Kaayoof Haawwiisaanii ganamaa galmaan geenyu itti yaaduun nurra jiiraata.
Nutis gama keenyaan Qeerroon Yuunibarsiitii Jimmaa guyyaa Yaadannoo nutti taate kanarra dhaabbannee maal dalaguuf maal taasisuu akka qabnu irratti marii xumurree jirra.



