Ebla 15/2016 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee FXG Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti Itti Fufee Oole.

Itti fufaEbla 15,2016 Guyyaa Gootota Oromoo wal qabsiisuudhaan har’a Ebla 15,2016 FXG Oromiyaa manneen barnootaa garagaraatti itti fufee oole. Godina Shaggar Kibba lixaa aanaa Wancii magaala Wancittii dhaadannowwan
– Kaayyoo wareegamtootaaf dhaabbanne dhaamsa isaanii galmaan geenya
– Barnooti Bilisummaa Booda!
– Bilisummaan hamam mirkanaa’utti barataan mana barumsaa akka hin galle
– Hojjetaan mootummaa hojii haa dhaabu
– Fincilli uummataa itti haa fufu
Waraqaan hedduun dhibbaan lakkaawamu har’a magaalattii keessatti barattootaan Qeerroodhaan bittimfamee ooleera. Haaluma kana fakkaatuun Godina Harargee Lixaa aanaa Habiroo ganda Lagabeera jedhamutti FXG Marsaa 5ffaan Itti Fufuu Qaba jedhu waraqaan ganda kana keessatti har’a bittimfamee jira. Godinaalee Oromiyaa guutuummaatti manneen barnootaa yuuniversitii dabalateen guyyaa waraqaan adda addaa fi FXGs itti fufee ooleera.

Oromiyaa dabalatuun naannoo Amaaraa fi godina Shaggar kaabaa hammatee fincilli jabaate oole. Yeroodhaa yeroottis kan gabaafamu naannoo Amaaraa shawaa kaabaa aanaa Antsaakiyaa Gamzaa ganda Kamaajatee jedhamutti fincilli eegale jji’a tokko ol kan lakkaawu daandiin cufamuudhaan hojjetaan mootummaakamuu hojii dhaabuu akka qabu uummanni hojjetoota motummaaf waamicha taasisee jira.
 

Ebala 15,2016 Yuuniversitii Ambootti FXG guyyaa lama dura kan eegale har’as GGOn wal qabsiisuudhaan mooraan yuuniversitii Amboo fi Awwaaroo FXG finiinsaa oolaniiru. Guyyaa lama dura rakkoo bishaan dhugaatiin wal qabatee Finclli mooraa Yuuniversti Ambootti ka’een waraanni Wayyaanee naannicha buufatee tureen barattootni dhagaadhaan lola waraana Wayyaane irratti bananii jiru itti fufuudhan har’a
– Qeerroon Oromoo ka’i
– FXG itti fufa!
– Ilmaan hidhuu fi ajjeesuun akkasuma reebicha haa dhaabbatu
– Akka eegalletti FXG ni xumurra!
Barruuwwan dhaadannoowwaniin bittimfanii oolaniiru. Magaalaa fi mooraa keessa kan faca’e waraqaaleen garagaraa heddumiinan mul’atee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Magaalaan Amboo yeroo kana humna waraanaan marfamtee kan jirtu uummannis FXG itti fufuu haala duree isaa xumuratee barattoota walin marsaa 5ffaaf of qopheessaa jiraachu Qeerroon gabaasaa jira.

Leave a comment