Ebla 10/2016 jechuun guyyaa kaleessaa fincilli daran jabaachuun naannoo staadiyeemii magaalaa Naqamtee keessatti taphni kaanamaa Naqamtee fi poolisii abuubi/Kibbaa/ gidduutti taphatamuuf ture qoophiin xumuramee edda dirree seenanii booda guutummaan tapha sanaa qeerroo magaalaa Naqamteen gara fincilaatti jijjiiramuun gara dhaadannoo fi wallee waraaqsaatti geedarameera.
Haaluma kanaan dhaadannoon Humni waraanaa hatatamaan Oromiyaa keessaa ba’uu qaba,Namoonni hidhamanii jiran akka gadi dhiifaman,Humni dhiigaa uummata keenyaa dhangalaase itti gaafatamuu qaba kan jedhuufii walleen waraaqsaa oo yaa baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo, oo baala badeessaa wayyaanee baasaa nu keessaa,oo tulluu gamaa ABO bushuu qabaa kan jedhuun guutummaan taphichaa goolamuudhaan addaan cituun hafeera.
Haaluma kanaan dhalataa magaalaa Naqamtee kan ta’e Gammee Oofkalaa namni jedhamu mana hidhamee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist