Godina Wallaggaa lixaa magaalaa Mandii keessatti OPDOn ayyaana TPLFn hundeeffamuu kabajuuf dirqaaman uummata magaalaa Mandii kan ajajje yeroo ta’u, uummati guutumaatti waltajji Wayyaanee irraa hafe Haata’u malee, kaabinooti muraasi mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Mandii keessatti wal tajji taa’uuf yeroo jedhan daa’imman itti yaa’uun dhakaadhaan achii arii’aniiru
Kaabinotis uummata beekaatu daa’imman dhagaadhaan nu reebsisa jechuun oori’anii yeroo gaafatanitti uummati dhaloota qofa miti barumatu isin jibbe jechuun afaan akka qabsiisaniifi ergamtooti diinaa kun magaalicha keessatti waaroo salphinaa akka uffatan odeessi achii nuqaqqabe ifa taasiseera
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist