Godina Jimmaa Aanaa Omoon Naaddaa Keessatti Hojetaa Mootummaan ABO Waliin Hojjetta Sababa Jedhuun Dararaa Jiru

Irree diinaa ni cabsinaEbla3,2026
Hojjetoota Mootummaa sektaroota garaagaraarra jiran kan Godina Jimmaa Aanaa Omoon Naaddaatin hojjetan hojirraa ari’uuf akkasuma yeroo gara yerootti beeksisa garagaraa irratti baasuun Aanaa kana keessatti dubbbiin kan unutti kaatu yoo ta’e jalqabarratti namoota qabamuu qaban jechuun Hojjetoota baay’inaan 49 Ta’an irratti Maqaa baasuun Godinaaf dabarsanii akka jiran Walii isaanii gidduutii icciitiin baatee nii addeessa
 
Kunneenis Hojjettoota mana Murtii,Hojjettoota Buufata Fayyaa,Hojjettoota Maamadaa,Hojjettoota Galii,Hojjettoota IMX,Hojjettoota Waldaa Gamtaa,Barsiisota yoo ta’an yakka tokkoon alatti too haawwasi asii nutti dammaqe jarreen kan a dammaqsa sababa jedhuun hojirraa ari’uuf adaba itti heddumessuun rakkisaa jiran.akkasuma kaan isaanii hojii dhaabanii Aanaa sana gadi lakkisanii deemaa jiraachuu dubbatamaa jira
 
Kanneen haalli bulchiinsichaaf hojiin inni ittiin eebbifameef dalagaan isaan ajajan liqimfamuufii dide hojii lakkisanii deeman keessa Charinat Gaaddisa isa tokko yoo ta’u haalli achitti taasifama jiruu akkasuma ganamaa galgala security eegumsi yoo itti heddummatu hojii lakkise ba’eera.

Leave a comment