Ebla 2,2016Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo irraa namooti ja’a hojiirra arii’amuuf qaamoti tikaa Wayyaanee akka qophii xumuran icciitiin ba’uusaa toora miidiyaa hawaasaatti faca’uunsaa ni yaadatama!
Haaluma kanaan tarkaanfiin mootummaa Garboomfattuu kana maal akka ta’u eegaa turre icciitichi harkaa ba’uun isaanuma qaamota Wayyaanee akka wal dhabsiises beekameera
Namoota sirnichi irratti xiyyeefatuun xalayaan arii’amuu isaan qaqqabuuf turesakka adabaatti/demotion/ bakka jiranirraa gadi bu’anitti jijjiiramuu odeessi nu ga’e akkanaan ifoomseera
1 Lammeessaa Daggafaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
2 Mootii Oliiqaa Waajjira Abbaa Taayitaa Daandii Irraa Gara Waldaa Hojii Gamtaatti
3 Asnaaqee Gabree Waajjira Geejjibaa irraa gara Waajjira fayyaatti
4 Milkeessaa Baqqalaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
5 Wandee Turaa Abbaa Taayitaa Jallisii irraa gara Herregaa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Moxeetti
Ergamaniiru.
Isaan kun marti bakka miindaa argachaa turanirraa bakka gad aanaatti ramadamaniiti.

Leave a comment