SEENAA Y.G(2005)
Ilmaan Oromoo gadi-jabeessanii hubachuu kan qaban, wayyaaneen , wareegama ulfaataa kafalaa jirru ilaaltee, akka garaa nu laaftuu ykn marii karaa nagaa jedhamutti harkisuuf ykn hawaasi addunyaas, haala kana nu hubattee , harka akka nu irra qabdu ykn wayyaanee irratti dhiibbaa akka taasiftuuf qofaa akka hin taaneedha. Qabsoon keenya sadarkaa kana irra dabreera. Wareegamni haalaan qaalii ta’ee kafalaa kaa jirruuf, wayyaanee hidda ishee waliin Oromiyaa keessaa fi Ummattoota cunqurfamoo irraa buqqisuuf ta’uu adda baafatanii beeku qaban. Wareegamni har’a ijoollee qacaleen ykn ol-guddattuun kafalaa jirru ulfaataadha. Wareegamni qaalii kun, waan araaraa fi jettee jettee namootaan wal bira qabnee falaasama kan itti baayyifnuu miti. addunyaatti kan iyyaachaa jirruuf, har’a waan isinitti himaa jirru sirreessuu dhiiftanii, ykn sirna isin jiraachisaa jiratan hin sirreessitan taanaan rakkoon kana caalu dhufuu akka danda’uu hubadhaa jechuuf qofaadha. Sababaan adda duraa, humnoonni alaa wareegama qaalii nuuti kafalaa jirruuf waan wal gitu hojiin argisiisuu jennee abdii guutu irraa hin eegnu. Wareegama lubbuu nuuti kafalaa jirru irra, dantaa isaanii akka dursan waan beekamuuf, Wareegama ulfaataa gama hundaan umamuu danda’uuf, itti gaafatamummaa hin qabnuu jennee beeksifachaa jirra malee, karaa nu haaxaa’aatii waan barbaannutti nu qajeelchaa jechaa hin jirru. Kana qalbifachuu dhabuutu haasaa qilleemsa yeroo waliin dhufuun raafamaa jiraanna. NAMNI EJJANNOO QABUU ,QILLEENSA YEROON HIN RAAFAMU !!!!!