Bitootessa 30,2016
Ajjeechaaf Hidhaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti guutummmaa guututti kan itti fufe.Moorummaan afaan qawweetti amanu gochasaarra duuba osoo hin jenne itti fufe.
Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti gochaawwan Ukkaamsaa Namoota Baay’inaan Afur taa’anirratti fidhatamee jira
Kanas maatiin Namoota hidhamanii guyyaa lamaaf mana hiraarsaa Magaalaa Siree keessatti argamutti deddeebiin hubachaa erga turanii
guyyaa muraasa gidduutti bakka buuteesaanii dhabnee yaaddoo guddaa keessa seenne jedhu Namoota kanneen
1,Obbo Mangistiu Tashoomaa
Obbo mangistuun abbaa ijoollee afurii yoo ta’u waggoota barataan biyyaa keessa hin heddummanne keessa barnootasaanii xumuruun Diploma nama of harka qaban taa’anillee eenyuummaasaaniif bakka guddaa waan laataniif akkasuma Hawwasaa nutti kakaasaa jirta sababa jedhuun waan ittiin baratanii ba’aniin Hawwaasa isaanii tajaajiluu hin dandeenye.Akkasuma yeroo gara yerootti ABO mana galchitee soorta sababa jedhuun dararaa jabaa irraan gahaa turani har’as gochi akkanaa namoota Akka Obbo Mangistuu heddurra ga’a jira Obbo Mangistuurraas dararaan osoo hin dhaabbatin maatiisaanirra ukkamfamanii jiru
2,Lataa Guuta
3,Badhaasaa Geetahuu
4,Tasfaa Dhaaba
Yoo ta’an eessa buutensaanii hanga ammaatti hin baramne.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist