Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuunibaraiitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira
Birootessa 30,2016
Yuunibarsiitiin Jimmaa Keessatti dhiittaan mirga namaa hammachurraa darbee hidda dheerafatee jira.Barataa Oromo irratti yeroo gara
yerootti yakka tokkoon malee ragaa sobaa funaanamuun hiraasaa fi ari’a kan as ga’e mootummaan Wayyaanee ammas yakkoota akkasii daran babal’isee jira.
Barattoota 9 irratti ragaa sobaa funaanuun himata kanneen irratti badii tokkoon malee bane keessaa daawwitii manneen mootummaa caccabsitan jechuun Qarshii 41800 kuma afurtamii tokkoof dhibba sadeetiin himataa jiraachuu beekame.