Godina Qellem Wallaggaa ona Jimma Horroo ganda Gomboo jedhamu keessa Bitootessa 28/2016 Qeerroon 28 humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamuu Qeerroon gabaase.

Gabaasaan Qeerroo akka ibsutti  godina Qellem ona garagaratti walgayiin wayyaanee fi mariin mootummaan uummata gowomsuuf karaa
ergamtoota isaa OPDOtiin uummata dirqisiisuuf yaalan feshalaa’uu fig alma gahuu diduu irraan ona kana keessatti walgayiin kamuu
gaggeeffamaa kan hin jirre yeroodhaa yeroottis kan feshalaa’uu fi FXG baadiyaa dabalatee itti fufee waan jiruuf qindeessitoota FXG jedhamuun
daraggootni 28 ganda Gomboo keessaa yoo butaman ganda warraa Baabboo jedhamu keessa dargaggootni 5 ol ukkaamfamuu Qeerroon gabaasee jira. kun guyyaa har’aa Bitootessa 28/2016 tahuu gabaasni ibsa.
Har’a sa’a booda waraanni dachaafamee gara Ona Jimmaa Horrootti guuramaa jira. Uummanni FXGtti waan makamee jiruuf WBOnis achiin biyya
seenee jira jechuunis wayyaaneen waraana ishee garasitti guurrataa jiraatuu Qeerroon gabaasaa jira.

Leave a comment