FXG Itti fufee daandiin Naqamte irraa Finfinnee geessuu cufamee barattooti 9 hidhamuu Qeerroon gabaasa.

Guyyaa Har’aa Bitootessa 28 bara 2016 Wallagga magaalaa Naqamteef naannoo ishee keessatti FXG finiinfamaa oolee jira.Fincilli kun manneen barnootaa qophaa,ina Naqamtee,Daaloo fi mana barumsaa Biiftuu Naqamtee keessatti daran jabaachuun yeroo ammaa kana baratoonni barnoota lagachuun mooraa gadlakkisanii gara maatiitti deebi,anii jiru.sababni isaammoo baratoota kanneen warqaa eenyummas bifa haaraan akka fudhataniif haala dhoksaan basaastotaaf kennannii baratoota warra kaaniifis sobanii ittiin barnootatti deebisuuf yaalaa akka jiran Qeerroon gabaaseera.Mana barumsaa Daaloo jedhamu keessatti immoo tarkaanfiin loltoonni Wayyaanee barattoota qabfuuf jedhanii qabeenyaa moorichaa irratti fudhataniin guutummaa fuullee mastaawatii mana barumsichaa caccabsuun hojiin ala godhaniiru.Daandiin Naqamtee gara Finffinnee geessus naannoo keellaa jedhamutti cufameera.Baratoonni 9 immoo gaaffi tokko malee gara mana adabaa seenanii jiru.

Leave a comment