Godina Addaa Finfinnee Buraayyuu Naannoo Ashowaa Meedaa Keessaa Ammallee Dachiin Ummata Oromoo Gurguramuu Itti Fufe.

kr

Ashawaa meedaa

kr

Ashawa meedaa

kr

A.Meedaa

kr

Saamicha lafaa A.Meedaa

Bitootessa 19,2016/ OPDOn ammallee lafa uummata Oromoo gircitee gurgurataa jiraachuun uummanaa fi abbaa lafaa qonnaan bulaa lafa gadhiiseen saaxilamee jira.
Suurraan asi irratti argamu kunneen godina addaa Finfinnee Buraayyuu naannoo Ashowaa Meedaa jedhamee waamamutti naannoo sun kan hojii guyyaa hojjetuun beekamu uummata Oromoo lafa isaa dhabe kan manni isaa ijaaramu abbooti tayitaa Wayyaanee fi Tigreeti OPDOn akkaataa kanaan lafa uummata Oromoo bakka hedduudhaa cirsiistee gurgurattee jirti naannoon kun harka alagatti kennamee abban lafaa lafa isaa dhabee rakkoo guyyaatiin saaxilamee jira uummanni Oromoo naannichaa jiru lafa isaa kana waliin tahe akka deeffatu waamichas daballee taasisna kanas dabalatee lafti naannichaa saamamee jiru suuraawwan waraabaman kan Qeerroon dhiyeessaa jiru hedduudha miidiyaa uumataatti haa bahuun dhaamsa goona.

1 thought on “Godina Addaa Finfinnee Buraayyuu Naannoo Ashowaa Meedaa Keessaa Ammallee Dachiin Ummata Oromoo Gurguramuu Itti Fufe.

  1. samichaa wayyaaneen jalqabdee Buraayyuu keessatti Har’aas itti fufee jira. Guyyaa har’aa 21/2016 magaala burayyuu Gandaa Ashaawaa medaajedhamutti mana jireenyaa namootaa Diiguun jirattotaa Dararaa oluufi Ummataa Agazin Dorsisuun mana jireenyaa ummataa diguun itti fufeera. Halumaa walfakkaatuun Gandaa Malkaa Gafarsaa kanjedhamuu keessatti Ijoollee oromoo Jireenyaa dhabdee dhuftee lafa oromoo duwwaarraatti mana ijaarattee irraatti manaa jireenyaa diguuf Itti gafatamaa Bulchinsaa magalaa burayyuu obbo #Dhaabaa Jinfeessaa #Mariif wamaamee Dorsisaa cimaadhan ijoollee oromootti yoo ka’uu Guyyaa Dilbataa darbee mariin addaan citee bahan . Yoo jiraachuu feetaan sharaa keessaan yeroon kafadhaa ta’uu bannaan “bakka itti isin Hiinuu mooraa waranaa baay’

Leave a comment