Bitootessa 18/2016 Godina Lixa shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoriitti goototni barattootni Oromoo warraaqsa jabeessuun itti fufan‏

Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa_Bargaa Mogoriitti guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira.

Leave a comment