Rakkoo Bishaan Dhugaatii Godina Addaa fi Finfinnee Mudatee Jiru‏

buraayyuttiBitootessa 12,2016 Godina Addaa Buraayyuutti rakkoon bishaan dhugaatii uummata jiraattota qabatee jiruun oromiyaan dachee badhaatuu taatee utuu jirtu har’a mootummaa gabroonfataa kanaan rakkoo kanaan uummanni saaxilamee rakkina guddaa keessa seenee jiraachuu Qeerroon har’a gabaasee jira. Uummannis waan nyaannuu fi dhugnu dhabne mootummaadhumti kun nurraa ka’uu qaba jedhee sagale isa olkaasee jira. Rakkoon bishaanii dhugaatii fi nyaataan wal qabatee godina addaa qofa osoo hin taanee magaala Finfinnee guutummaattis jiraattota magaalittii irra gahee jira. Kanaan uummanni gaaffi isaa qabatee wayyaanee morma qabee hudhee jiraatuun bakka hundaatti mul’ataadha. FXG oromiyaalee godinoota garagaraa keessatti har’a adeemsifamaa jiru gabaasa Qeerroo irraa dhiyaatuun kan gabaasnu taha.

Leave a comment