Nagaan Waaraa Gaaffii Mirgaa Ummata Oromoo Deebsuu Qofaan Argama
(Ibsa ABO irraa kenname)
Ummatni Oromoo guddichii fi kabajamaa fincila xumura gabrummaa marraa kanaa ji’oota afuriif osoo addaan hin citiin adeemsiseen, ummatoota biroo irraa jibbiinsa homaatuu akka hin qabaatiin, mirga isaaf uumamaa fi seera addunyaan deggaramu akka falmatu tahuu, kabajamuun mirga ummatoota cunqurfamoo maraa irraa dantaa fi fedha qabaatuu haala hin mammsiisneen addunyaa mara, addatti ammoo ummatootni Itophiyaa akka hubatan taasisee jira. Fincila adeemaa jiru kana keessatti namusaa fi bilchinni ummatni Oromoo agarsiises kan dinqisiifamu dha. Murannoon ummataa fi addatti dargaggootni Oromoo agarsiisan seenaa Itophaa keessatti kan mul’atee hin beekne tahuu irraa lammiilee Oromoo hundaa fi kanneen nagaaf dhaabbatan hunda boonse. Kanneen hundi walitti eda’amuun haqa qabaatuu hubachiisanii mararfannoo argamsiiseefii duree oduu addunyaa tahuu danda’eera. Diinni Ummatootaa fincila ummatni Oromoo karaa nagaa eegale qixa biraa qabsiisuu fi maqaa xureessuuf farra nagaa akka tahetti dhiheessuuf yaaliin godhe ummatoota Itophiyaa hundaa fi alagoota sirnichaafuu waaheloota tahan biratti dhara tahuun hubatamee fudhatama hin argatiin hafe. Gaaffii ummatootaa ajjeechaa gara jabinaa, reebicha jumulaa fi humnaan ukkaamsuu kan aadaa godhate mootummaan Wayyaanee fincila ummata Oromoo amantiin walitti hidhuun ummatoota biratti akka jibbamu taasisuuf yaaliin godhes deggeraa hin argtne. Waan taheef haqa haaluu dhaan kan biraatti quba qabuun kan hin baasne tahuu kan hubate mootummaan Wayyaanee lolaa labsee Komand Postiidhaan gaggeessuu murteesse dagatee yeroo ammaa badiin paartii aangoo irra jiruu bira tahuu ifatti parlamaa maqaaf tolfatan irratti labsuu jalqabee jira.
Ibsa ABO 11-03-2016 የኦነግ መግለጫ 11-03-2016ዓም
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
- Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme
- Click to share on X (Opens in new window) X
- Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook
- Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube
- Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video
- Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp
- Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email
- Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa
- Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org
- Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress
