Har’a Bitootessa 11,2016 Fincilli Xumura Gabrummaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Keessatti Itti Fufe.

received_1734245433479208 received_1734245436812541Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.

Duulli barnoota dhaabuu kun guyyaa edda jalqabee har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.

Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaan mooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonni federaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akka doorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .

1 thought on “Har’a Bitootessa 11,2016 Fincilli Xumura Gabrummaa Yuunibarsiitii Wallaggaa Keessatti Itti Fufe.

  1. Akkuma gabaasa isin qaqabe irraa hubatanitti, hirira magalaa buraayyuu keessatti baratoni taasisanniin baratoni baa’een utuu hiriraaf ba’uuf qopha’aa jirannu loltoon agazii fi polisiin federalawa mooraa mana barumsati itti seenuun akka gadihibaane dhorkuun , akkasumas kallatti afuriin karaa cufuun akka ummani ijoolleef hintumsineef dhorkuun kutaa mana bana barumsaa keessatti ijoollee gachuun reebicha gara jabeenyaa raaawwachhuun miidhaa guuddaa qaama barratoota garmalee irraan ga’uun , baratoota baa’ina isaani 60 ol ta’an immoo gara buuteen isaani hin beekamu

Leave a comment