Barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaarraa Qabamanii Turan Hanga Ammaatti Dararamaa Jiru

Bitootessa 11,2016
Gochi shororkeessitootaa kan itti fufe dararaaf hammeenya diinummaa hanga har’aatti kan itti fufe yoo ta’u Gootummaan Qeerroon Oromoo osoo duuba hin deebine falmasaa jabeesseetuma jira.
Akkasuma torbee darbe keessa barattoonni FXG Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaatti ka’een wal qabatee Barattoonni dhiira 14 fi Dubara 3 qabanii mana hiraarsaa Jimmaa(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa erga turanii Booda dhiira shan baasanii kaansaanii ammallee dararaa jiraachuu keessayyuu rakkoowwan irra gahamaa jiran keessaa rakkoo nyaataa akka mudatee jiru akkasumallee Raagaa sobaa irratti kan fuudhamee jiru ittuu nama takkaallee arganii hin beekneen ragaan sobaa irratti funaanamaa jira gochi kunis barattoota Moorichaa Aarii guddaa keessa seensisee akka jiru dubbatu barattoonni moorichaa.

Leave a comment