Bitooteessa 9,2016 barattootni mooraa yuuniversitii kiiloo 6 diina mooraa marsee afaan qawwee baatee hiriiree dhaabbatutti harka qullaa bahuudhaan dhaadannoowwan hedduu dhageesisaa turaniiru. Gabaasuun keenyas ni yaadatama. Barattootni kun qindoomina FXG akka barattoota oromoo moorichaatti wal tumsa fi qindoominaan bahuu irraa ariitiidhaan tahullee barattootni muraasni Imbaasii Ameerikaa fi mooricha gidduutti hiriira bahaniin “ gaaffiin keenyaa gaaffii Master Pilanii qofa miti amma abbaan biyyummaa keenya haa mirkanaa’u, ajjechaan haa dhaabbatu, oromiyaan haa walaboomtu, humni waraanaa oromiyaa keessaa haa bahu, hidhaan haa dhaabbatu..” jechuun dhaadannoo dhageesisaa kan turan tahuun gabaasuun keenya ni yaadatama. Yeroo san ykn kaleessairraa kaasuun humnoonni badii mootumaan wayaanee meeshaa itti hiree barattoota nagaatti bobbaase hanga ammaa kanatti mooricha marsanii jiru. Haatahu malee basaastoni fi lukkeewwan wayyaanee barattoota fakkaatuudhaan mooraa keessaa fi ala deddeebi’uudhaan barattoota sabboonummaa fi kaleessa hiriira kana irratti
argaman butanii dhabamsiisaa jiru. Barattoota muraasni maqaan isaanii nu gahe jiru keessaa kan qabamanii harka diinaa jiran
1. Bilisummaa Horanoo Araarsoo-Economics waggaa 2ffaa
2. Mohamad Ero Yusuf-Accounting waggaa 3ffaa
3. Ijjiguu Qabataa Ayyaanaa-Economics waggaa 2ffaa
4. Dabala Fayisa Gonfaa-Civil Engineering waggaa 4ffaa
5. Ahimad Mahamad Sani- Electrical Engineering waggaa 4ffaa
6. Shalamahu Gammachuu Damee-Economics wagga 2ffaa
7. Hundee Bultoo Sanbataa-IT waggaa 2ffaa
Barattotni kunneen yeroof qabamanii dhabamuun isaanii Qeerroon gabaasee jira. sochiin barattootaa mooricha ammalee kan itti fufee jiruu fi FXG
yeroon isaa amma kanaan booda barumsi dhaabbatuu qaba nuti teenyee ajjeefamuu hin qabnu uummata keenya dhumaa jiru barumsa barachuu hin qabnu jechuun waraqooleen mooraa keessaa fi alatti bittimfamaa jiru. Naannichi humna nageenya uummataa dhorkuu wayyaaneen raabsiteen guutamee jira.