Bitooteessa 7,2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: AANAA MIDAA QANYIItti Waraanni Wayyaanee Maqaa Waraana ABOtu Uummata keessa galee nurratti fincilchiisaa jira jedhuun uummata Shororkeessuu itti fufuun guyyaa har’aa Waraanni wayyaanee hedhannoo isaa guutuu qabatee Aanaa Midaa Qanyii ganda Garaadoo kan qarqara Aanuunuutti argamtuu sakkatta’uuf sochii godhee Humni Ittisaa Uummata Oromoo(HIUO) uummata isaa irraa diina Ittisuuf tarkaanf uummataan walta’uun Diina uummata gooluuf adeemtuu irratti tarkaanfii Boombii F1 irratti dhoosuun fudhateen Waraana wayyaanee madeessuun salphina guddaan akka baqaan of duuba deebituu gochuun sodaa hamaan of irra deebisuu danda’ee jira. Akkuma Waraanni Wayyaanee kun Rifatee Of irra deebi’een Uummatni walitti Yaa’uun ganda Garaadoo keessatti sirbaa olee, Waraanni Wayyaanee dirqamaan nu hin bulchuu nuti waraana mootummaa sanyiin nu duguuguu Obsa ittiin dhaggeeffannuu hin qabnu Waraanni Wayyaanee hatattamaan Aanaa Midaa Qanyii gadhiisee bahuu qaba jechuun dhaamsa dabarfatan, hanga galgala kanaatti illee Uummatni walitti yaa’ee sirba gootaa sirbaa jira.
Pingback: Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Nagaa Dhurkuun Wal Qabatee Tarkaanfiin Ummanni Osoo Hin Jaallatiin Waraana Of Irraa Ittisuutti Seene. | OromiaTimes
keep it up, we are with you. Defend yourself and your people. Time has reached where the Oromo people do not expect legal and peaceful reply from this dictatorial regime.