Haalli Mootumma gabroonfataa aarsee kan finiinsef kan obsa fixaxee Uummati Oromoo gabroonfattoota hidhannoof afaan Qawweetti amanan irratti diddaa walirraa hin cinne gamtaan rog-arfan Oromiyaarraan finiinsaa jira.Akkasuma murni bicuu Waayyaanee ajjeechaa uummatarratti akka labsitetti gara jabummaadhaan sabichi akka miidhamu gooterti.Gochi Diina Kunis guyyaa gara guyyaatti haalaan akka guutummaan saba dammaqee mirgasaaf falmatu taasiseera.Magaalaa Naqamtees gocha wayyaanee balaaleffachurratti xiyyeeffannoo kennee jira.guyyaa lamaa dura duulli dhabiinsa geejibaa kan hojiirra oole har’as Guutummaan magaalattii geejibaa guutummatti dhaabuun falma finiinsaa turan.
Hongeessitoonni Mirga namoomaa(Jaleen TPLF)) Konkolaachiftootaan “maa hojii dhaabdan? konkolaataa maaf hin ooftan?”jechuun yoo gaafatan,deebii Konkolaachiftootaa “Agaaziin dhuftee haa ooftu nuti humna waraanaa ganamaa galgala gaazii imimmanessaa gadi lakkisuuf jiraachuu hin dandeenye”jechuun murannoo isaanii himaniif.Waan kana jedhan qofaaf gabateen konkolaataa hedduun qabamee waajjira
galeera.Kunis maaf deemuu diddanii qofaaf Akkasuma Naqamtee keessatti Yuunibarsiitiin Wallaggaa FXG galgala kanallee akka irra jiran dhaga’ame.Humni Waraanaas Dhukaasa jabaa dhukaasaa jira.
Dhukaasa barattotarratti lakkifamaa jiruun miidhaa guddan dhaqabuu danda’a jedhamee sodaatama.Guutuu gabaasaaakka arganneen gurra isin buufna