Barataa Dachaasaa Deebisaa irraa
Abbas haadhas qaba kanan irraa dhufe
Garuu,osoon argee hin quufin abbaankoo na lufe
Osoon arguuf hawwuu abbaakoo arguu dhabus
Haatikoo na hin ganne yoon dhabee hagabus
Nan beeka abbaakoo dirqiin akka baase
Onneef gootummaansaa akka narraa fageesse
Yoon ijoollee ta’es gaafas,ijaanan geggeesse
Innis gurrakootti jedhee waa natti odeesse
Akkan harmee hin ganne dhaamsa natti dhaamee
Du’us gumaa kiyya baasi naan jedhee adeeme
Harmeenkoos gara laafettiinkoo dandeessuun rakkinaa
Injifadhuu gali yoo lubbuun jiraatteef turrus wal arginaa
Jettee………
Waan yeroodhaaf tursu galaas galaafteefii
Dhaamsi Koo Isin Gahee