Bitootessa 4,2016
Warraaqsi Yunibarsiitii Wallaggaatti finiinfamaa ture ummata magaalattiif naannooshee dabalatee Wayyaanota Muddaa kan jiru ta’uu
gabaasaan achii nu dhaqabe nii addeessa. Guyyaa har’aas FXG haala ho’aa ta’ee Magaalaa Naqamtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan moitummaa fashist Waayyaanee balaalefachaa jiru.dhaadannowwaan
#OPDO n maxxantuudha nu hogganuu hin dandeessu
#Humni Waraanaa fashist Wayyaanee Kan magaalaa Naqamteef Gutummaa uummata keenyaarratti bobbaafame Biyya nuuf gad-dhiisu
#Biyyi abbaa qaba Nutis Abbaa qabna abbaan keenya ABO nuu haa bulchu
#Gumaa xinnaaf guddaa keenyaaf itti gaafatamaan mootumicha
#Gumaa dhiigaa dhiigatu baasa….jedhu magaalattii keessaa dhaga’amaa hit a.
Mootummaan Fashist Waayyaaneef Jalee taatee kan hojjettuuf OPDO n rifannaa guddaa keessa seenuun hoomaa waraanashee Uummata nagaa
irratti bobbaasuudhaan waraana Uummata harka qullaarratti dhukaasuudhaan Uummataa fi barattoota hedduurra miidhaan gahamaa
jira.Daandiin Naqamteerraa ka’uun Finfinneetti deemsisu Guutummaan guututti naannoo Yuunibarsiitii Wallagaa hora Hadiyyaa jedhamu cinatti
cufameera.