Bitootessa 4,2016
Akkuma argaa jirtan FXG kaleessa galgala Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddicha keessatti dhoheen barataan miidhamee kaan yaalamaa jiraachuu argaas dhaga’aas jirtu.har’a garuu,yoo ganamaan duunkaana hidhattanii kabaja Ayyaanaa jechuun OPDO ofisheeyyuu akka sa’aa namaan harkifamtu cina teessanii nyaataaf dhugaatiif walitti yaataan garaan keessan isin haa taajjabu.
Saree guddisanii yoo mana bade barbaacha hin dhaqani OPDO hamma kana unuuf Keessattu magaalaa Jimmaa keessatti gochii isin gochaa jirtan seenaa jala waan dhokatu miti.Hormi nurraa gala nutu walitti hafa namni walitti hafu wal hin tuqu walirraa hafa isin garuu xiqqoo dhuma of sakatta’uu dadhabdanii yoo haadhoon keenya madaa’ee caccabee ciisutti kabaja ayyaanaa jechuun walitti yaa’aa jirtu.Homaas miti Akkuma Oromoon”Titisarraa damma hin eegan”jedhu waan isinirraa eegnu hin qabnu.Garuu,otoo hin beekinis ta’ee osoo beekuu kan isinii wajjiin Ayyaana keessan kabajuuf jedhu uummata Oromoo Jimmaaf Dhiiga Oromummaa waliin qabnu sanaa jedhaanii adaraa yoo nu cina dhaabbachuun itti ulfaate Soorrata keessan kan dhiigaan faalamerraa of haa qusatan. Oromiyaan Dhiiga Ilmaansheen Nii Bilisoomtti