Bitootessa 2,2016
Warraqsi Uummataa erga mootummaan humna waraanaan Oromiyaaf Oromoon bultu murteessellee haalaan ittuu jabaatee itti fufeeraa.
Har’a jechuun sa’ati kanatti(1:30)irraa eegale Wallagga Yuunibarsiitii Keessatti warraaqsa qeerroon Yuunibarsiitichaan eegalee Wayyaanee Sodaaf naasuu guddaa keessa galchaa jira.walleen warraaqsa gurmuu qeerroowwaniirraa dhaga’amaa jira.Dhukaasaa barattootarratti banamee dhukaasii nii dhaga’ama Magaslattii(Naqamte)dirree waraanaa fakkaachuun tureera har’as akkasuma.diddaan kun jabaa fi hammaataa ta’uun murna bichuu TPLF fi jala deemtonnishee kan Tigiraayi keessatti hundeeffamte OPDOn waan qabdee gadi dhiistu dhabdeetti ohoo baala tuufoo ABO nuu wayya nuufoo,Ohoo baala tuufoo Jumilli nuu hin ta’u nuufoo jechuun sagaleen Weerroo Yuunibarsiitirraa dhaga’amaa jiru mandhee waan dhorkate fakkaata Achuma godiina sanatti kan argamttu Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Moxee fi Lixa Wallaggaa Najjoo,Warrajirruutti warraaqsi guddaan Uummataan dhohee jira