Godina Iluu Abba Boratti FXGn Ummanni Ergamtoota Wayyaanee Irratti Haleellaa Fudhate, Wallagga Bahatti Qonnaan Bulaan Sadii Wareegame‏

Godina Iluu Abbaa Booraatti guyyoota muraasa dura FXG uummataa fi barattootaan waltahuudhan ka’ee ittifufee jiraatuu Qeeyroon gabaasee
jira. Kaleessa Aanaa Buree ganda Aboo Moorigatti dargaggootni FXGf waamicha fi uummata kaasuudhaan gara daandiiwwan guddaa cufuuf yeroo
dhaadannoo dhagesisa bahanitti poolisonni wayyaanee dura dhabbachuun fincila kana dura goruuf yaalii yoo gootu dargaggootni uummata waliin
haleellaa poolisoota irratti baneen hidhatootni fi poolisoonni hedduun baqachuun kan of baasaan yoommu tahuh poolisoonni lama irree uummataa
fi dargaggootaan reebamanii haalaan miidhaan irra gahus toohannoo uummataa jala akka jiran qqyroon nuuf gabaasee jira.

Uummanni ammas nuti mootummaa kana hin feenu kanaaf nu dura dhaabbachuuf yaalii hin taasisaa mootummaa wayyaaneef jettanii jechuun poolisootatti akeekkachisni uummataan kennamee jira. Gama biraatiinwallagga bahaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettatti Guraandhala 28 FXG qonnaan bulaan addatti wal gurmeessuun kaaseen lolli jabaan qonnaan bulaa fi hidhattoota wayyyaanee gidduutti adeemsifamee jira. Haala kana kessatti qonnaan bulaan namni 3 lubbuudhaan wareegamanii jiru. Jiraattotni ganichaa ammas FXG finiinsuu irratti argamee jira. humni wayyaanees uummata irratti yerodha yeroo dhukaasa banaa jira.

Leave a comment