GAAFFIIN UUMMATA OROMOO FINCILLI XUMURA GARBUMMAA QEERROO OROMIYAA SOSSOBBAA,GOYYOMSAAFI OLOLA DIINAATIIN DUUGDUUBA KAN DEEBI’U MITI

Marii Gadaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!“Lama nan suuffan” jette jaartiin qullubbii hattee jedha oromoon mootummaan alagaa uummata oromoo garbummaan gidirsu wayyaaneenis ta’e mootummoonni abisiiniyaa akkasumas kanneen wayyaaneef faallaa ta’an illee qabsoo qeerroon oromoo taasisaa jiru gara dabarsuuf shira hedduu hidhaa jiru Mootummaan wayyaanee yoon du’ellee akkuma mallaasaan ekeraadhaan uummatarra naanna’ee jiraadha,taayitaa aangoofi teessuma mootummaa isaanii mallasaa wajjin boolla seene qorqalbii isaanitti baatanii akka ittiin jiraatan wayyanonnii fi ergamtoonni isaanii ba’aa yaadaa fi mootummaa isaanii ekeraa ta’e uummati oromoo akka dhibaayyuu ekeraa taasisuuf barbaaduu.ofii isaaniif immoo qaalluu sadoo gadaa of fakkeessuun qabsoo qeerroo oromoo lamshessuuf tulluu diimtuu fi walaliin dhiibu,bishaan abbayyaafi awash fuulduras goruuf yaadu garuu gonkumaa hin danda’amuufi! Wayyaanonni yaada,ilaalchaa fi sochii hawaasa yeroo dheeraa sobuun bitanii akka harkaa ba’e hin hubatani GAAFFIIN UUMMATA OROMOO FI FINCILLI XUMURA GARBUMMAA QEERROO OROMIYAA SOSSOBBAA

Leave a comment