Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Waamaa Hagaloo ganda buttujjii Qassoo mana barumsaa baabbaa kofalee sadarkaa duraatti guyyaa har’aa fincilli barattooti geggeessan uummata guutummaatti makachuun geggeessamaa oole

Odeessi nu qaqqabe akka agarsiisutti uummati gamtaan ka’ee poolisoota barattoota reebaa turan itti yaa’uudhaan facceedhaan faffalaxee of keessaa hari’uun isaanii beekeera.

Guyyaa dheengaddaas ganda buttujjii Qassoo keessatti kan argamtu magaalaa Qassoo keessatti uummati konkolaataa poolisootaa caccabsuun kan yaadatamu yeroo ta’u, guyyaa har’aa kana ganda Baadiyyaa kana poolisootni lafoo seenan faccee fi bodee,bashirii fi shaanfoo qabuun uummati kaan irratti tarkaanfii fudhate kaan isaanii tufatanii baabbaa kofalee keessaa akka ba’an beekameera

Leave a comment