Guraandhala 24,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa qanyiitti warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa, Qophaa’inaa fi sadarkaa 1ffaa fi Gandoota Baadiyyaa keessatti gaggeeffamuun daran jabaatee itti fufe.Alaabaan ABO Aanaa MIdaa Qanyii dhuunfachaa jira.

Guyyaa har’aa Yeroo kanatti  goototni uummatni Oromoo  fi Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii M/B sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii kan Magaalaa Bixxillee keessatti argamuu fi Qonnaan Bultootni gandoota Goodaa Galaan walitti dhufuun hiriiraan alaabaa ABO qabachuun gara Magaalaa Baallammiitti adeemaa jiraachuu madden keenya gabaasaan.

Waraanni wayyaanee Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo fi naannoo ishaatti bobbaafamee jiruu heddumina guddaa kan qabuu dheengaddaa,  kaleessaa hanga har’aatti Uummatatti bobba’ee uummata reebaa jira, Tarkaanfiin Diinummaa hammachaa jiruu kun Akka uummatni Oromoo waanqabutti fayyadamee diinaa of irraa haleeluu godhee waan jiruuf yeroo amma Uummatni Oromoo waan qabuun diina of irraa ittisuuf qophii ta’uu ibsuun Shororkeessa agazii of irraa ittisuuf jira.gabaasaa guutuun walitti deebina

Leave a comment