Guraandhala 22,2016
Wallagga lixaa magaala Gimbiitti FXG marsaa sadaffaa har’a ganama kaasee qonnaan bulaan baadiyaatti osoo hin hafnee daandii cufatee diina dura dhaabbatee sin barbaannu jechaa jira.
Dargaggoonni magaala Gimbii har’a sirab qabsoo fi dhaadannoo garagaraa dhageesisaa jiru. Alaabaan ABO fannifamee baatamee dhaadannoon dhageesifamaa jira.
Qellem wallaggaa Begii fi Gidaamitti FXG har’a ganama kanas finiinaa jira. Barataan tokkos Begiitti ganama kana wareegamee jira. Dargaggootni goototni Qeerroo aanaa Gidaamii ganda Giraay irraa ganama kana alaabaa qabachuudhaan gara magaalaa bahaa jiru.
Dhukaasni magaala Begii uummata iratti dhukaafamaa jira. Gimbiin akkasuma sa’a kanatti daandii cufee jira.Humni diinaas hiriira galee kaachaa jira ummata irratti dhukaasa banaa jiraatuun sagaleen dhukaasaa guddaan naannoo Gimbii irraa dhaga’amaa jira.
Yeroon keenya amma,kanaaf bu’urrii qabsoo fi riqichii bilisummaa’TOKKUMMAADHA’.Tokko taanaan gabroofataa mootummaa wayyaannee fönqolchuun salphaadh.Qabsoon itti fuufa,BILISUMMaan dhiigaan dhufa!