Guraandhala 21/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobiitti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabachuun itti fufe
Uummatni Oromoo qabsoon hanga bilisummaati jechuun tokkummaa diinaa isaa dura dhaabbatee mirga isaaf falmachuu itti fufe jira. Yeroo ammaa kana ummatni Aanaa Meettaa Roobii waajjira OPDO Aanaa cabsanii seenuun barbadeessaa jiru. Uummatni Oromoo sirna EPRDF fi ergamtuu sirnichaa OPDO jalatti hin bullu jechuun qabsoo isaa finiinsee sirna OPDO ergamtuu wayyaanee fi waajjiroota sirna kanaa bakka hundatti barbadeessuun alaabaa sirna abbaa irree kanas gubuun alaabaa bilisummaa Oromoo alaabaa ABO bakka hundatti Oromiyaa keessatti
dhaabbachaa jiraachuun ibsame .